Manni Maree Ol’aanaa Dhimma Islaamummaa Magaalaa Finfinnee lammiileen Itoophiyaa hundi, keessattuu hawaasni Musliimaa tokkummaa, nagaa fi guddina Itoophiyaatiif waliin akka dhaabbatan waamicha dhiyeesse.
Ayyaanni Mawliidaa kuma 1 fi 500ffaan Masjiida Anwaaritti Guddichatti kabajameera.
Bakka bu’aan Mana Maree Ol’aanaa Dhimma Islaamummaa Magaalaa Finfinnee Sheek Fatudaan Hajj Zeeyinuu, ayyaana Mawliidaa sababeeffachuun ergaa dabarsaniin, ayyaanni kun yeroo filannoo Majliisaa bilisaa fi haqa qabeessa ta’e milkaa’inaan gaggeeffamutti kan kabajame ta’uun adda isa taasisa jedhaniiru.
Itti dabaluunis, waanti ayyaanicha adda taasisu kan biraan, tattaaffii waloo lammiilee Itoophiyaatiin kan dhugoome Hidhi Haaromsa Itoophiyaa Guddichi xumuramuu isaa waliin kabajamuu isaatti jedhan.
Guyyaa Dhalootaa Nabii Mahaammad (Mawliid) yeroo kabajnu wareegama walqixxummaa, haqaa fi bilisummaa dhala namaaf kaffalan yaadachuu fi hojiirra oolchuudhaan akkasumas namoota rakkatan waliin qooduun ta’uu akka qabu eeraniiru.
Sirnicharratti bakka bu’oonni Mana Maree Ol’aanaa Dhimma Islaamummaa Ityoophiyaa fi Mana Maree Ol’aanaa Dhimma Islaamummaa magaala Finfinnee, ambaasaaddaroonni biyyoota adda addaa, fi hordoftoonni amantichaa argamaniiru.