Lammiileen Masrii Itoophiyaan laga Abbayyaa irratti misooma tokkollee akka hin hojjenne waadaa seente jechuun yaada dogoggoraa facaasaa turanis, Ustaaz Jamaal Bashir garuu yaanni kun soba ta’uu isaa miidiyaalee hedduu irratti dhugaa jiru ibsaniiru.
Ustaaz Jamaal Bashir dhugaa hidhichaa mul'isuu fuula YouTube (King Of Abay) fi fuula feesbuukii ofiisaa irratti, odeeffannoo hawaasa addunyaaf qooduun, Odeeffannoo dogoggoraa irratti imoo mormaniiru.
Ustaaz Jamaal Bashir waa’ee Hidha Haaromsa Itoophiyaa Guddicha dhugaa jiru hawaasa addunyaaf ibsuuf miidiyaa hawaasaa irratti qabsoo gochuun namoota hedduu biratti beekama.
Guyyaatti tamsaasa kallattii daqiiqaa 40 hanga sa'aatii 10 turuun daawwattoota miiliyoona 50 ol ta'aniif dhugaa jiru qoodaniiru.
Warri Ijipti laga Abbayyaa irratti faayidaa isaanii qofa mirkaneessuuf fageenyi isaan deeman Afrikaa kan cuunqursee fi kan qoqqoode jedhan Ustaaz Jamaal Bashir.
Hojiin waa'ee hidha kanaa hawaasa addunyaa beeksisuu itti fufuu qaba jedhu.
Keessattuu biyyoonni Arabaa faayidaa Hidhi Haaromsa Itoophiyaa Guddichi biyyoota yaa’a gadii fi naannichaaf qabu akka hubatan hojiin komunikeeshinii cimaan akka barbaachisus ni ibsaniiru.