Shaampiyoona Atileetiksii Addunyaa 20ffaa har'a Jaappaa, Tookiyootti eegalameen atileetoonni Itoophiyaa dorgommii fiigicha Meetira Kuma Kudhanii dubartootaan tilmaama injifannoo argataniiru.
Dorgommii har'a waaree boodaa 9:30 irraa eegaluun dorgomamu kana irratti atileetota 27tu hirmaata.
Atileetoota kanneen keessaa Itoophiyaan biyya kamuu caalaa atileetota afur hirmaachifti.
Bara 2023 Budaapeestitti dorgommicha kan injifatte Gudaaf Tsaggaayee dabalatee Tsiggee Gabra Salaamaa, Ijjigaayyoo Taayyee, Fotiyeen Tasfaayee Itoophiyaa bakka bu'uun hirmaatu.
Dorgommii kana irratti atileetota hirmaatan keessaa fageenyichaan daqiiqaa 30 gadi kan qaban atileetota Itoophiyaa afranii fi atileetii Keeniyaa Beetriyis Cheebiyeet qofa.
Shaampiyoona Atileetiksii Addunyaatiin Warqii lamaa kan qabdu Gudaaf Tsaggaayee fi Olompiikii Paarisiin fiigicha meetira Kuma Shanii fi Kudhaniin Warqii kan injifatte atileetiin Keeniyaa Beetris Cheebiyeet morkii cimaa taasisuu jedhameet eeggama.
Fiigicha meetira Kuma Kudhanii daqiiqaa 29 gadiin xumuruun riikkardii kan of harkaa qabdu Beetris Cheebiyeet, Warqii Keeniyaan waggoota Kudhaniif dhabde deebisuuf carraaqxi.
Agines Neegetichii fi Jaan Cheepengeetich atileetota Keeniyaa biroo dorgomicha irratti hirmaataniidha.
Ugaandaanis dorgommii kana irratti atileetota sadi hirmaachifti.
Fageenya kanaan Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa irratti atileet Xurunash Dibaabaa yeroo sadi walitti aansitee Warqii injifachuun seenaa addaa kan qabdu yoo ta'u, Itoophiyaan ammoo akka waliigalatti atileetota Dubartootaa lsheetin fageenyichaan Warqii sagal injifachuun addunyaa irraa 1ffadha.
Fageenya kanaan dorgomicha irratti atileetoonni wal duraa duuban sa'aatii saffisaa qaban kan Itoophiyaa Birhaanee Adaree, Lattasanbat Gideeyii fi Almaaz Ayyaanati.
Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa kanaan guyyaa sa'aatii 6 fi daqiiqaa 5n irraa eegaluun Lammeechaa Girmaa, Geetinnat Waalee fi Saamu'eel Firewuu gulaallii dorgommii gufachiisa meetira Kuma sadii irratti hirmaatu.
Gulaallii fiigicha meetira 1500nii guyyaa sa'aatii 7 fi daqiiqaa 5 irraa eegaluun fiigamu irratti ammoo Saaroon Barihee fi Fireewayinii Hayiluu ni hirmaatu.
Itoophiyaan bara kana Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa irratti yeroo 19ffaaf hirmaataa kan jirtu yoo ta'u, hirmaannaa isheetiinis Warqii 35n, Meetii 38 fi Naasii 31, walumaagalatti meedaaliyaa 104 argachuun addunyaa irraa sadarkaa 6ffaa irra jirti.