Search

Hidha Haaromsaa Itoophiyaa Guddichi bakka mirgi haqaa keenyaa itti mirkanaaheedha - Pirezidaant Araggaa Kabbadaa

ማክሰኞ መስከረም 06, 2018 5

Xumuramee eebbifamuu Hidha Haaromsaa Itoophiyaa Guddichaa sababeeffachuun hiriirri deeggarsaa magaalaa Baahir Daaritti bahameera.

Pirezidaantiin Naannoo Amaaraa Obbo Araggaa Kabbadaa, Itoophiyaan karoora waggoota dheeraa booda hidhicha xumurtee gara misooma marsaa haaraatti seenaa jirti jedhan.
Pirezidaantichi Itoophiyaanonni abdii hin kutanne, Itoophiyaan qormaata dippilomaasii irra aanuun hidha haaromsaa milkaahinaan xumuruun ishee hojii boonsaa ta’uu ibsaniiru.
Hidha Haaromsaa Itoophiyaa Guddichi yaada hin dandeesan cabsinu seenaa Afrikaanotaaf fakkeenya ta’ee mirga haqaa keenya mirkaneessu ta’uu dubbataniiru.
Milkaa’inni pirojeektichaas Itoophiyaan dirree idil-addunyaarratti maqaa ishee akka guddise Pirezidaantichi ibsaniiru.
Hidhichi abdiin egeree Itoophiyaa kan itti ibsame akka ta’es eeraniiru.