Ijaarsi pirojektoota gurguddoo Labsii Gubaatiin labsaman kanneen akka Buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaa Bishooftuu, Warshaa Xaa’oo, Misooma Annisaa Niwukilaraa, ijaarsi manneen jireenyaa fi kanneen biroo yeroo ammaa haala akkamiirra jiru? Tooftaan raawwii isaanii hoo maal fakkaata?
Damee fayyaatiin dhiyeessiin qorichaa fi meeshaaleen yaalaa sadarkaa barbaadameen dhiyaachuu dhabuun komii tajaajilamtootaa ta’aa waan jiruuf, rakkoo kana furuuf maaltu yaadame?
Gibira ummanni kaffalu to’achuu fi waliin dhahiinsa mul’atu Mootummaan akkamiin ilaala?
Akkaataa walitti qabiinsa galiirratti hojmaata badaa fi hanna mul’atu furuuf maaltu hojjetamaa jira?
Sharafa alaa fi qaala’iinsa jireenyaa hir’isuurratti ejjennoon Mootummaan qabu maali? Rakkinicha waaraan furuuf hoo maaltu yaadame?
Sarbama mirga namoomaa lammiilee Itoophiyaarratti qaamolee hidhataniin raawwataman Mootummaan akkamitti ilaala?
Keessattuu ajjeechaa, saamichaa fi miidhaa qaamaa fi qabeenyaa naannoo Oromiyaa, Amaaraa fi naannolee birootti lammiileerratti raawwatamu dhaabsisuuf Mootummaan tarkaanfii akkamii fudhataa jira?
Bilisummaa pireesii fi miidiyaa guddisuuf tarkaanfiin Mootummaan fudhataa jiru maali?
Misooma koriidarii magaalaa fi baadiyyaatti caalmaatti babal’isuuf karoorri Mootummaa Ida’amuu maali?
Hanqina dhiyeessii manneen jireenyaa furuuf murannoon, ejjennoon, akkasumas raawwiin Mootummaa Ida’amuu maal fakkaata?
Keessattuu lammiileen galii gadi aanaa qaban sababa hanqina mana jireenyaatiin rakkoo hamaaf saaxilamaa jiru; Mootummaan furmaata hammataa fi hirmaachisaa ta’e kennuuf maal hojjetaa jira?