Biiroon Daldala Oromiyaa Ayyaana bara haaraaf dhiyeessii meeshaalee bu`uuraa sababa garaa garaatiin uumamuun qaala’iinsi gabaa akka hin mudannee fi uummanni karaa tasgaabbaa’een ayyaanicha akka dabarsu hojjechaa akka jiru ibse.
Itti Aanaa Hogganaan Biirichaa Obbo Tasfaayee Gashoo ibsa kennaniin, ayyaana bara Haaraa 2018 fuuldura keenya dhufaa jiruun wal qabatee hanqina dhiyeessii oomishaalee garaa garaa uumamuu malu hambisuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu kaaasaniiru.
Biiriichi ayyaana bara haaraa sababeeffachuun Al-seeruummaa daldalaa to’achuu,tasgabbii gabaa uumuu,Qaala’insi gatii meeshaalee akka hin daballee taasiisuu fi hanqinni dhiyeessii akka hin mudanne qooda fudhattoota waliin qindoominaan hojjechaa jiraachuu dubbataniiru.
Gabaa sanbataa naannoo keenya keessatti hundeeffaman 594 hunda irratti qonnaan bultoonnii fi oomishtoonni oomisha qonnaa kan akka kuduraafi muduraa, midhaan nyaataa fi oomishaalee induustirii gahaa ta’e akka dhiyeessaniif caasaa sadarkaan jiru hirmaachisuun hojjechaa jiraachuu dubbataniiru.
Akkasumaas Agarsiisaa daldalaa fi baazariin godinaa fi magaalaa hunda keessatti bifa wal fakkattuun jalqabamuu ibsaniiru
Dhiyeesiiwwaan kana cinaatti hojiin to’annoo fi hordoffii karaa ittii fufinsa qabuun qindoomina seektaraalee adda addaa waliin kan hojeetamu ta’uu fi dhuma irratti ayyaanni kun hanqina dhiyyeessii fi al seerumman daldalaa akka hin mula’anef hirmaannaa uummataa sadarkaa hundaatti keessattu hawaasa fayyadamtoota, hawaasaa daldalaa fi qaamolee qooda qaban hundi iddoo hanqinni jirutti akka sirratu odeeffannoo kennuun hawaasa galii gadi aanaa qaban deeggaruun ayyaana waliin dabarsuun akka barbaachisu dhaamaniiru.
Odeeffannoon kan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaatti