Search

Sababa Biskileetii hatamteetiin mootii Buunyaa addunyaa kan ta'e - Muhaammad Alii guddicha

ሓሙስ ነሐሴ 29, 2017 6

Ispoortiin Buunyaa yoo ka'u namoota maqaan isaanii jalqaba irratti eeramu keessaa Muhaammad Aliin isa tokko.
Muhaammad Aliin Ispoortii Buunyaa irra darbee mallattoo aadaa, falmaa mirga dhala namaa, mallatto ciminnaa fi cichoominaa jedhamuun beekkama.
Amajjii 17, 1942 Ameerikaa Luwiisviil Keentakiitti kan dhalate Aliin, maatii gurraachaa fi harka qalleeyyii irraa argamuu isaan yeroo hedduu loogummaan sanyii isa mudataa guddate.
Haa ta'uuti hawaasa sana irraa argamuun akka inni hin milkoofne gufuu itti hin taane.
Haalli Muhaammad Aliin Ispoortii Buunyaa itti eegale nama hedduu ajaa'ibsiisa.
Muhaammad Aliin waggaa 12 yeroo jiru Biskileetiin isaa jalaa hatamnaan dhimmicha beeksisuuf gara Waajjira Poolisii dhaqe.
Yeroo sanatti akka carraa ta'ee hogganaa waajjirichaa kan turan Jowii Maartiin leenjisa Ispoortii Buunyaa turani. Muhaammad Aliinis isaan biratti leenjii Buunyaa akka eegalu taasisani.
Leenjii kennamuuf sirnaan hordofaa kan ture Aliin yeroo gabaabaa keessatti milka'uu eegale.
Aliin umrii 18ffaa isaatti bara 1960tti Olimpiikii Roomitti Buunyaadhaan Meedaaliyaa Warqee injifte.
Bara 1964tti ammoo Sonny Liston injifachuun Shaampiyoonii Ispoortii Buunyaa ta'uun addunyaa ajaa'ibsiise. Sana booda maqaa masoo "Muhaammad Alii isa guddicha" jedhu argate.
Tooftaan, ciminnii fi cichoominni isaa seenaa Ispoortii Buunyaa jijjireera.
Muhaammad Aliin dirree dorgommii Buunyaan ala jireenya dhuunfaanis nama fakkeenyummaa ol aanaa qabuudha. Amantaa isaa irratti nama cimaa akka turetu himamaafi.
Ispoorttessaan kun bara 1967tti amantaan koo naaf hin eeyyamu jechuun waraanaa USAn Veetinaam irratti bante morme. Mormiin isaa kunis jireenya Buunyaa isaa irratti gatii guddaa isa kaffalchiise.
Injifannoon isaa irraa fudhatamuun mana hidhaatti darbatame. Waggaa Sadihiif Ispoortii Buunyaa irraa dhorkame.
Sana booda Muhaammad Aliin mallattoo qabsoo ta'uun faallaa waraanaa fi loogummaa sanyii ta'uun dubbachuu itti fufe.
Bara 1971tti erga manni murtee adabbii irra kaa'ame kaasuun mana hidhaatii bahee booda Muhaammad Aliin tapha Buunyaa jaarraa “boxing of the century” jedhameen, Jowii Fireezar akkasumas Joorji Foormaan injifachuun mootii Buunyaa ta'uu isaa agarsiise.
Muhaammad Aliin deeggarsa namoomaa taasisuu fi jajjabeesisunis ni beekkama. Addunyaa guutuu irra naanna'uun nageenyaa fi deeggarsa namoomaa cimsuun hojii baldhaa hojjateera.
Bara 1984tti dhukkuba Paarkiinsaniin kan qabame Muhaammad Aliin dhukkubichaan walqabatee hubbannoo cimsuuf qorannoo fi barnootaaf maallaqa Miiliyoona hedduu walitti qabeera.
"Shaampiyoonii ummataa" jedhamuun kan beekkamu Muhaammad Aliin A.L.A Waxabajjii 3 bara 2016 du'aan addunyaa kana irraa boqateera.
Nuuroo Amaanootu gabaase