Search

Kantiibaa Adaanach Abeebee bara haaraa sababeeffachuun maaddi qoodan

እሑድ ጳጉሜን 02, 2017 9

Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee bara haaraa dhufu sababeeffachuun namoota harka qalleeyyii kuma 500f maaddi qoodaniiru.
Kantiibaa Adaanach Abeebee ergaa dabarsaniin, maaddi waliin qooddachuun duudhaa gaarii tokkummaa fi waliiyaadu akka cimsuu ibsaniiru.
Deeggarsi kun qindoomina invastarootaa fi tola ooltota magaalicha keessa jiraniin kan taasifame ta’uu Kantiibaa Adaanach ibsaniiru.
Bulchiinsi magaalichaa sona gaarii kana itti fufuusiisuuf xiyyefannoon hojetas jedhan.
Waqtii gannaas harka qalleeyyii nama isaan garagaaru hinqabne, namoota biyyaaf waan gaarii hojjetanii fi galii gadi aanaa argatan qaamolee hawaasaa kuma 100 fi kuma 56 ta’an gargaaraa turuu eraniiru..