Search

Qormaata addunyaa muudate furuuf sagalee waloo dhageessisuu qabna - Ministira Muummee Abiyyi Ahimad (PhD)

እሑድ ጳጉሜን 02, 2017 12

Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) qormaata addunyaa muudateef deebii kennuudgaaf sagalee waloo dhageessisuu qabna jedhan.
Yaa’iin Afrikaa-Kaariibiyaan 2ffaan Magaala Finfinneetti taa'amaa jira.
Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD), addunyaan jijjiiramaa akka jirtu yaa'icha irratti dubbataniiru.
Sagaleewwan kana dura tuffatamaa turan amma dhagahamuu akka barbaadan hubachisaniiru.
"Yeroo kanatti yaada dhuunfaadhaan ibsachuu dhiifnee tokkummaan cimina ta’uu hubannee waliin sagalee keenya dhageessisuu qabna" jedhaniiru.
Kanaafis yaa’iin akka Afrikaa - Kaaribiyaan kun murteessaa ta’uu cimsanii dubbatan.
Qormaata sadarkaa addunyaatti muudachaa jiruuf deebii kennuu keessatti tokkummaan ardiilee barbaachisaa ta’uu hubachiisan.

አስተያየትዎን እዚህ ያስፍሩ

ተያያዥ ዜናዎች: