Itoophiyaan qormaata keessaa fi alaa ishee muudate dandamattee milkaahina guddaa galmeessaa jirti jedhameera.
Guyyaa Tarkaanfannaa mata duree ''Tarkaanfannaan olka’iinsa dhaabbataaf '' jedhuun nannoo Affaar, magaalaa Dubtiitti kabajameera.
Pirezidaantii Itti aanaan Mootummaa Naannoo Affaarii fi Hogganaan Biiroo Bulchiinsa Lafaa Umar Nuur, Itoophiyaan waggoota 7n darban qormaata keessaa fi alaa ishee muudate dandamattee birmadummaa ishee kabachiisuun dameewwan adda addaatiin guddina ol'aanaa agarsiisuu dandeesseetti jedhan.
Waggoonni darban naannoo Affaaritti gama qonnaa, omisha beelladaa, sassaabbii galii, Invastimantii fi albuuda baasuutiin milkaahinni guddaan argamu ibsaniiru.