Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Bishooftuutti ijaaramu irratti qooda fudhattoota waliin magaalaa Finfinneetti mariyateera.
Hogganaa ol’aanan garee Daandii Qilleensaa Itoophiyaa Masfin Xaasoo, Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa hundeeffama isaa irraa eegalee jijjiirama gaarii galmeessaa jira jedhan.
Buufanni xiyyaaraa ammayyaa sadarkaa Afrikaatti kan jalqaba ta'e magaalaa Bishooftuutti ijaarramus guddina Aviyeeshinii Afrikaatiif qooda ol’aanaa qabas jedhaniiru.
Ministirri Maallaqaa Ahimad Shidee, buufatichi ijaarramuun tajaajila geejjibaa ammayyeessuu qofa otoo hin taane, guddina tuuriizimii biyyattii mirkaneessuu fi walitti dhufeenya daldalaa fi invastimantii biyyoota ardii Afrikaa kan cimsudha jedhan.
Buufatichi deeggarsa faayinaansii Baankii Misoomaa Afrikaatiin kan hojjetamu yoo ta'u, waltajjicha irrattis hoggantoonni bankichaa fi qooda fudhattoonni garaa garaa argamaniiru.
Mangistuu Akkumaatu gabaase