Finfinneetti Godambaa daa'immanii hundeessuuf Itoophiyaa fi Cheek Rippabilik gidduutti waliigalteen mallattaa'eera.
Ministirri Tuurizimii Salamaawit Kaasaa qondaaltota Godambaa Biyyoolessaa Cheek fi Ejensii Misooma Cheek waliin magaala Praagitti waliigaltee kana mallatteessaniiru.
Itoophiyaatti yeroo jalqabaaf Godambaa ammayyaa, daa’imman giddu galeessa godhate deeggarsa maallaqaa mootummaa Cheek Rippabiliikiin akka ijaaramu walii galteerra gahamuutu ibsame.
Godambaan daa’immanii kun Paarkii Michoomaa Lakk.2 keessatti akka ijaaramus ibsameera.

Ministirri Tuurizimii Salamawit Kaasaa akka ibsanitti, Godambaan kun daa’imman waa’ee seenaa fi aadaa biyya isaanii karaa salphaa ta’een beekumsa akka argatan kan dandeessisu qofa osoo hin taane, carraa kalaqaa, barnoota, fi beekumsa akka guddifatan kan taasisu.
Godambaa kana hundeessuuf mootummaan Cheek deeggarsa maallaqaa fi teeknikaa taasiseef galata guddaa qabaniis ibsaniiru.
Pirojektichi hubannoon daa’imman qabeenya turizimii keenyaa irratti qaban akka guddifatanii fi guddina damichaa keessatti gumaacha olaanaa akka taasisanis akka garagaarus himameera.