Biirichi sirna baruu fi barsiisuu magaalaa Laga Xaafoo Laga Daadhiitti eegalchiseera.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa qulqullina barnootaa mirkaneessuuf hojiilee garaa garaa hojjechaa jiraachuu beeksiseera.
Mana Barumsa Bu'ura Boruu, sadarkaa 1ffaa fi sadarkaa 2ffaa akkasumas kanneen biroo babal'isuun lammiin hundi carraa barnootaa fi barnoota qulqullina qabu kennuuf hojjetamaa jiraachuun himameera.

Hoggantuu itti aantuun Biiroo Barnootaa Oromiyaa Habiibaa Mahammad, bara kana barattoota miiliyoona 13 ol barsiisuuf qophiin xumuramee guyyaa har'aa sirni baruu fi barsiisuu bulchiinsa magaalaa Laga Xaafoo Laga Daadhiitti eegaluu ibsan.
Mootummaan hojii qulqullina barnootaaf xiyyeeffannoo guddaa kennuu fi barsiisoota kuma 57 oliif leenjii kennuus himaniru.
Qulqullina barnoota mirkaneessuuf gaheen qaama maraa Olaanaa ta'uu himaniru.
Saxxoo Tashoomaatu gabaase