Search

“Hidha Haaromsaa Itoophiyaa Guddicha injifannoon xumurtanii olka’iinsa biyyaaf boqonnaa haaraa waan saaqxaniif galatoomaa” - Pirezidaant Shimallis Abdiisaa

ረቡዕ መስከረም 07, 2018 6

Ijaarsi Hidha Haaromsaa Itoophiyaa Guddichi Pirojeektii seena qabeessa irree uummataa xiiqiif gamtaa’ee fi tumsa lukkuu hanga lubbuutti kaffalameen ilaalcha hin danda’amuu diigee Ashaaraa dhaloota haaraan galmaahe ta’uu, Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaa himan.
Pirezidaant Shimallis Abdiisaa eebbifamuu Hidha Haaromsaa Itoophiyaa Guddichaa sababeeffachuun hiriira deeggarsaa Naannoo Oromiyaatti bahame irratti ergaa dabarsaniiru.
Injifannichi seenaa fi seeneffama gootummaa gurraachotaa irra deebiin copha dafqaa fi copha dhiigaan galmee seenaa shira kamiinuu dukkaneeffamuu fi haqamuu hin dandeenye Adwaa 2ffaa ta’uus pirezidaant Shimallis eeraniiru.
Pirojeektichi qormaata keessoo fi Idil-Addunyaa xaxamiinsa hamaa qabu hoggansa Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) kennanii fi aarsaa qaalii uummanni itti fufiinsaan kaffaleen boqonnaa seenessa dulloomaa siyaasa bishaanii gaanfa Afrikaa guutummaatti jijjiireera jedhan.
Sammuun injifannoo raajii kana galmeesse, aarsaan jaalalaa fi kabaja biyyaaf kaffalame faajjii birmadummaa fi bilisummaa ta’ee yeroo hunda olka’ee leellifamaaf yaadatamaa jiraata jedhaniiru pirezidaant Shimallis ergaa isaaniitiin.
“Baga gurmoofne baga duullee duulchifne; baga injifanne. Kabajamtoota uummata keenyaa galatoomaa; ulfaadhaa!” jedhan.
Hiriirri deeggarsaa guutummaa Oromiyaa Kaabaa hanga Kibbaa Bahaa hanga Lixaatti har’a bahame kun diinaafis firaafis ergaa murteessaa dabarsuu isaa pirezidaant Shimallis beeksisaniiru.
Dinoonni dhaabbataan guddina Itoophiyaa hin jaalanne olka’iinsa Itoophiyaa arguus dhaga’uus hin barbaanne dambalii uummataa guddaa kanaan qalbiin cabeera jedhan.
Uummanni garaa garummaa ilaalchaa, lagaa fi kutaan otoo hin qoodamin irree gamtummaa isaa ammas irra deebiin mirkaneessuu isaatiif Mootummaan Naannoo Oromiyaa kabajaa fi ulfina ol’aanaa kan qabu ta’uu irra deebiin isiniif mirkaneessuun barbaada jedhan pirezidaant Shimallis.
Jalqabbii olka’iinsa biyyaa labsame hordofee pirojeektootni gurguddoo Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) Gubaa irratti labsan, duula hiyyummaarratti eegalame injifannoo ol’aanaa kan gonfachiisu; gaanfa Afriikaatti dorgomtummaa Itoophiyaa sadarkaa ol’aanaan kan ceesisudha jedhaniiru.
Dhalootni kun aarsaa qaalii kaffaluun jecha gochaan dhugoomsaa jiraachuu pirezidaant Shimallis eeraniiru.