Kitaabni Mootummaa Ida’amuu rakkoolee Itoophiyaa gadi fageenyaan kan xiinxaluu fi furmaata kan akeekudha jedhan Ministirri Gorsaan Dhimmoota Baha Afrikaa Ministira Muummee obbo Geetaachoo Raddaa.
Kitaabni Mootummaa Ida’amuu Ministira Muummee Abiyyi Ahimadiin (PhD) barreeffame kaleessaa eebbifamera.
Sagantaa eebbaa kana irratti obbo Geetaachoon xiinxala kitaabichaa dhiyeessaniiru.
Kitaabichi haala waliigalaa Itoophiyaa kan ibsuudha jedhan.
Keessattuu rakkoolee Itoophiyaa gadi fageenyaan kan xiinxaluu fi furmaata waaraa kan of keessaa qabu ta’uu eeran.

Rakkoolee bu’uura irraa furuuf murteessaa ta’uus dubbatan.
Kitaabichi ilaalcha irratti kan xiyyeeffatee fi gaabbii irraa ka’uun, wantoota diiganii ijaaruurra gaarii jiru itti fufsiisuun badaa immoo sirreesuu irratti akka xiyyeefatu himaniiru.
Kunis imala ilaalcha siyaasaa Itoophiyaa kanaan dura ture kan jijjiiru ta’uu ibsaniiru.
Gama biraatiin fedhii bu’uuraa irra darbee mul’ata kabajaan jiraachuu deebisuuf kallattii kan akeekedha jedhan.
Rakkoolee Itoophiyaa adeemsa tureen furuun kan hindanda’amne ta’uus ibsan.
Yaadamni ida’amuu hojiirra kan oole, kalaqaa fi ariitiin furmaata waaraa argamsiisuu kan dandeessisu ta’uu dubbataniiru.
Kitaabichi dubbisaaf akkaataa salphaa ta’een qophaa’uu himuun, namni hundi akka dubbisu obbo Geetaachoon waamicha dhiheesanniru.