Search

Nuti gaafa Ida'amuu jennu diinonni keenya ni rifatu, sababni isaas ida’amuudhaan akkamitti seenaa hojjechuu akka dandeenyu agarsiifneera - Ministira Muummee Abiyyi Ahimad (PhD)

ረቡዕ መስከረም 07, 2018 5

“Nuti gaafa Ida'amuu jennu diinonni keenya ni rifatu, sababni isaas ida’amuudhaan akkamitti seenaa hojjechuu akka dandeenyu durii kaasee agarsiifneerra” jedhan Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD), ergaa eebba kitaabaa Mootummaa Ida’amuu irratti dabarsaniin.
“Itoophiyaanonni sabaan otoo wal hin qoqqoodiin yoo waliin dhaabbanne, uumuu, saffisiisuu yoo barbaachisaa ta’e ammoo utaaluu dandeenya” jedhan.
Wal qoqqooduun yaada Itoophiyaanotaa miti kan jedhan Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD), yaada dhageenyu qorachuuf yoo hin qophoofne, fudhattuu fi hordoftuuuu ta’uu irraa adda bahuudhaan badhaadhina Itoophiyaa mirkaneessuun ulfaataa ta’uu dubbataniiru.
Yaada ida’amuutiin adda adda qoodamuu ittisuudhaan tokko ta’uun kan danda’amu ta’uus eeran.
Itoophiyaanonni yaada "hin dandeenyu" jedhu of keessaa baasuun, ni dandeenya jechuudhaan yaadama qulqullaahe qabaachuun fedhii dhuunfaarra fedhii walootiif cimuun barbaachisaa ta’uudha Ministirri Muummee kan hubachiisan.
Mootummaa Ida'amuu, karoora yaadama ni dandeenya jedhu kan cimse, badhaadhina Itoophiyaa mirkaneessuufis daandii sirrii irra jiraachuu kan mirkaneesse ta’uu ibsaniiru.