Ijaarsi Buufata Xiyyaaraa Idil-Addunyaa Bishooftuu dhuma ji’a Sadaasaa, 2018titti eegaluuf karoorfamuu isaa, hogganaa ol’aanaan garee Daandii Qilleensaa Itoophiyaa obbo Masfin Xaasoo beeksise.
Buufanni Xiyyaaraa Idil-Addunyaa Bishooftuu Indaastirii Aviyeeshinii Itoophiyaa ol’aanaatti akka ceesisus eeraniiru.
Buufanni xiyyaaraa kun daandiin qilleensichaa geejjiba qilleensarraa Afrikaa keessatti gahee adda durummaa isaa irra caalaa akka cimsu qooda guddaa qabaachuu obbo Masfin akeekan.
Ijaarsa Buufata Xiyyaaraa Idil-Addunyaa Bishooftuu eegaluuf qophiin barbaachisu xumuramaa jiraachuus hoggantichi hubachiisaniiru.
Hojii marsaa jalqabaa ijaarsichaa raawwachuudhaafis Kontiraaktaroonni filatamaa jiraachuu himan.