Search

Ayyaanota fi daballii mindaa hojjettoota mootummaa waliin wal-qabatee qaala’iinsi gatii akka hin jiraanne xiyyeeffannoon hojjatamaa jira - Bulchiinsa magaalaa Finfinnee

ሰኞ ነሐሴ 19, 2017 11

Ayyaanotaa fuuldura keenya jiranii fi daballii mindaa hojjettoota mootummaa waliin wal-qabatee qaala’insi gatii akka hin jiraanne xiyyeeffannoon hojjatamaa akka jiru itti aanaan kantiibaa fi hoogganaan biiroo misooma industirii Jaanxiraar Abbaayi ibsan.
Hawaasni qaamolee hojii daldalaa seeraan alaa irratti bobba’an yoo argu odeeffannoo kennuu akka qabus eeraniiru.
Bulchiinsa magaalichaatti tasgabbii gabaa, to’annoo daldala seeraan alaa, Sosochii Itoophiyaa - Finfinneen Haa Oomishtuu akkasumas bara haaraa sababeeffachuun gabaa ayyaanaa irratti daballii gatii mudachuu danda’u ilaalchisee Obbo Jaanxiraar ibsa miidiyaaleef kennaniiru.
Dhiheessii bal’isuuf gabaan Sanbataa fi Dilbataa 219 jiraachuu ibsanii, giddugaleessonni gabaa shan sadarkaa magaalaatti tajaajila kennaa akka jiran dubbataniiru.
Edoom Amaareetu gabaase