Mootummaan Naannoo Oromiyaa oomishaa fi oomishtummaa dabaluun rakkoo dhiyeessii furee qaala'insi jireenyaa akka hir'atuuf hojjechaa jira.
Godinaalee fi magaalota Oromiyaa keessattis humni oomishaa fi dhiyeessii dabalaa jira.
Sadarkaa godinaalee fi magaalotaattis baazaarii fi egzibiishiniin oomishaalee torbee daldalaa tibbana adeemsifamaa ture.
Haaluma kanaan guyyaa har'aa immoo baazaaraii fi egzibishinii torbee daldalaa marsaa 2ffaan sadarkaa Oromiyaatti qophaa'e dhaadhannoo "Kan Itoophiyaa haa bitannuu" jedhuuun Magaalaa Finfinnee Giddu gala Aadaa Oromootti banamee jira.

Baazaariifi egzibishinii kanarrattis godinaalee fi magaalonni hundi oomisha isaanii qabatanii agarsiisaaf dhiyaatanii jiru.
Hoggantuun Biiroo Daldala Oromiyaa Dr. Yashii Jimaa Kaayyoon agarsiisa egzibiishinii kanaa oomishaalee beeksisuufi walitti hidhamiinsa gabaa fi oomishaalee uumuuf kan gargaaruu dha jedhan.
Oomishnis karaa seera qabeessaan akka dhiyaatuu fi daldala seera qabeessaaf beekamtii kan kennu ta'uus ibsaniiru.
Deetaan ministeera daldalaafi walitti hidhaminsa naannoo Dr. Abdulhakiim Muluus Oromiyaan oomishtummaa guddisuun gabaa tasgabbeessuuf bonaa fi ganna hojjechaa jiraachuu ibsanii,oomishaafi tajaajila biyya keenyaarratti ilaalcha jiru jijjiiruuf sochii taasifamaa jiruu dha jedhan.
Faayidaan torbee daldalaa kunis hubannoo uumuun oomisha keenya fayyadamnee hirkattummaafi saaxilamummaa diinagdee keessaa ba'uuf akka gargaarus himaniiru.
Baazaariifi egzibishiniin kunis guyyoota 3'f kan turu ta’uu Odeeffannoo Biiroo kominikeeshini Oromiyaa ni muli’sa