Gareen kubbaa miillaa dubartootaa Machaal, taphatuu sarara fuulduraa garee biyyaalessaa Itoophiyaa Seenaaf Waqumaa mallatteessisuu beeksise.
Akkaadaamii Ispoortii Xurunesh Dibaabaa irraa eegaluun Magaalaa Adaamaa fi Baankii Daldalaa Itoophiyaa keessatti yeroo bu'a-qabeessa kan dabarsite Seenaaf amma Machaalitti makamteertti.
Inistraakteer Masarat Maanneen kan geggeefamuu Machaal foddaa jijjiirraa keessatti ciminaan hirmaachuu itti fufeera.