Ekispoon torbee daldalaa biyyoolessaa “Kan Itoophiyaa bitadhaa” 2ffaan bakka Pireezdaant Taayyee Atsiqa Sillaasee, Ministirri Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Kaasaahuun Gofee (PhD) fi keessummoonni affeeraman argamanitti baname.
Ekispoo kanarratti Biiroo Daldalaa Magaalaa Finfinnee dabalatee dhaabbileen daldalaa fi oomishtoonni guutuu biyyattii irraa dhufan 160 ol hirmaachaa jiru.
Torban Daldalaa kun oomishaalee fi tajaajiloota Itoophiyaa beeksisuu fi walitti hidhamiinsa gabaa fi carraa hojii uumuu akkasumas beekumsa daddabarsuuf haala mijeessuu keessatti gahee olaanaa akka qabu hubatameera.
Ekispoon kun har’a Hagayya 24 irraa eegalee hanga Hagayya 29, 2017tti kan turu ta’a.