Search

Afrikaanonni sirna barnootaa badhaadhina waloo mirkaneessu ijaaruu qabu - Obbo Tamasgan Xurunaa

ሰኞ ነሐሴ 19, 2017 8

Ministirri Muummee Itti Aanaa Obbo Tamasgan Xurunaa, lammiileen Afrikaa sirna barnootaa badhaadhina waloo mirkaneessu ijaaruu akka qaban himaniiru.
Yaa’iin Madaallii Barnootaa Afrikaa marsaa 41ffaan “Madaallii barnootaa jijjiiruuf Barnoota qulqullina qabuu fi murtii ragaa irratti hundaa’e” jedhuun Finfinneetti taa’amaa jira.
Obbo Tamasgan Xurunaa Yaa’iichi egeree keenya murteessuu fi lammiilee baratan uumuuf bu’uura ta’uu ibsuun, barnoota qulqullina qabu kennuun barbaachisaa ta’uu eeraniiru.
Waldaan Madaallii Barnootaa Afrikaa walta’iinsa, beekumsa, fi kalaqaaf haala mijaawaa ta’e uumeera kan jedhan Obbo Tamasgan, waliin taanee barnoota sadarkaa haaraatti ni ceesina, kan irrattis hojiin guddaatu nu eega," jedhan.
Kanaafis eenyummaa Itoophiyaa kan ta’e hafuura Injifannoo Adwaa uffannee tumsaa fi tokkummaa keenya cimsuun, damee barnootaa keessattis irra deebinee hojiirra oolchuu qabna jedhan.
Itoophiyaa fi biyyoonni Afrikaa hedduun tattaaffii jijjiiramaa hedduu hojjechaa akka jiran eeruun, Itoophiyaan sirna barattoonni hundi sirnaan akka madaalamu taasisu ijaaraa jirti jedhan.
Yaa’iin kun bakka muuxannoowwan gaggaarii, qorannoo fi yaada keenya itti waliif qoodnu ta’uu ibsaniiru.
Yaa’ii kanarratti bakka bu’oonni biyyoota 30 irraa dhufan 500 ol kan hirmaatan yoo ta’u, Barruulee qorannoo 120 ol ni dhiyaatu jedhamee eegama.