Shaamipyoonaa Atileetiksii Addunyaa 20ffaa Jaappaan, Tookiyootti dorgomamaa jiruun, Atileet Tsiggee Dhugumaa dorgommii gulaallii meetira 800tiin tokkoffaa bahuudhaan gara walakkaa xumuraatti dabarteetti.
Haaluma walfakkaatuun dorgommii gulaallii kana irratti kan hirmaatte atileet Warqinash Massalaas 3ffaa bahuudhaan gara walakkaa xumuraatti dabaruun ishee mirkanaaheera.