Search

Shaampiyoons Liigii Awurooppaatiin taphni Baayernmuunik fi Cheelsii ni eeggama

ረቡዕ መስከረም 07, 2018 4

Kibxata kana kan eegalaman taphoonni waancaa Shaampiyoons Liigii Awurooppaa har'as yoo itti fufan, taphni Aliyaanz irratti Baayermuunik Cheelsii waliin taphatu xiyyeeffannaa guddaa argateera.

Shaampiyooniin Jarmanii Baayernmuunik, taphoota ramaddii yookaan marsaa liigii Shaampiyoons Liigii Awurooppaatiin dirree isaa irratti walitti aansuun taphatee 34 hin moo'amne.
Kilabichi yeroo dhumaatiif waltajjii kanaan dirree isaa irratti kan moo'ame bara 2013tti Maanchister Siitiin ture.
Bavaariyaan tapha baniinsaa Shaampiyoons Liigii Awurooppaa kan injifatan bara 2002tti ture.
Shaampiyooniin dorgomichaa yeroo lama Cheelsiin bara 2022/23 booda waltajjii guddicha Awurooppaatti kan deebi'e yoo ta'u, taphoota 13 dorgommiiwwan Awurooppaa irratti yeroo dhihoo taphate keessaa 12 injifateera.
Tapha Bireentifoord waliin ture irratti jijjiiramee gara dirree seenee daqiiqaa shan keessatti goolii kan galche Kool Paalmerii fi dargaggeessi umrii 18 Estevoon tapha kana irratti sarara fuulduraa Cheelsiif Jaawoo Peedroo fa'aa waliin dursu.
Gareen Viinseent Koompaanii Baayernmuunik bara kana taphoota dorgommii hunda irratti taphate 5n injifachuun goolii 19 galche.
Gooliiwwan kanneen keessaa ammoo Haarii Keen, Liwus Diyaazii fi Maaykil Oliiseen harka guddaa qabu.
Haa ta'u malee Baayernmuunik yeroo dhihoo as waltajjii Awurooppaa irratti akka durii milkahaa hin jiru.
Bara darbe garichi moo'atanii darbuudhaan Intermiilaniin otoo hin moo'amiin dura, Astonvillaa, Baayernmuunik fi Feeynoordiin moo'amee ture.
Garuu bara kana dorgommichaaf haalan qophahaniiru. Taphoota kilaboota Ingilaand waliin dirree isaa irratti taphate 11 keessa tokko qofaan kan moo'ame gareen Koompaanii, har'as Cheelsii ni qora tilmaamni jedhu jira.
Kilabichi taphoota afrur Cheelsii waliin taphate keessaa sadi injifateera.
Jamaal Muusiyaalaa, Raafaa'eel Gureeroo fi Alfoonsoo Deevis sababa miidhamaatiin taphichi kan jala darbu yoo ta'u, Nikoolaas Jaaksan carraa hiriiru argachuu danda'a.
Bara darbe morkii sadrkaa liigii ol’aantummaan xumuruun moo'atanii darbuu irratti Shaampiyoonii dorgomichaa PSGn moo'amee dorgommichaan ala kan ta'e Liivarpuul ammoo Anfiilditti Atileetikoo Dii Maadrid simata.
Gareen Arnee Isloot Liivarpuul taphoota Piriimiyeer Liigii arfan injifachuun gahumsa garii irra kan jiru yoo ta'u, Atileetikoo Maadriid ammoo taphoota Laaligaa afur keessaa injifannoo kan galmeessise torbee darbe Viyaariyaal irratti.
Seenaa Shaampiyoons Liigii Awurooppaatiin kilaba jalqabaa yeroo sadi xumuraaf gahee Shaampiyoonii hin taane kan ta'e Atileetikoo Maadriid, sababa miidhamaan tapha kana irratti Juuliyaan Alvaarez hin hiriirsisu.
Gama Liivarpuuliin Aleeksaander Isaak tapha jalqabaa isaa garichaaf taasisa jedhamee kan eeggamu yoo ta'u, sababa miidhamaan taphni kun Kortis Joonsii fi Aleeksis Maakalestar jala darbuu danda'a.
Taphoota kanneen birootiin Shaampiyooniin bara darbee PSGn Atilaantaa waliin fi Intermiilan Ayaaks waliin taphata.
Nuuroo Amaanootu gabaase