Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) kitaaba isaanii 4ffaa yaada Ida’amuu irratti barreessan "Mootummaa Ida'amuu" jedhu eebbisiisaaniiru.
Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) sirna eebbaa kanarratti ergaa dabarsaniin, Itoophiyaan hunda keenyaaf ni geessi; sammuu tokkoon yaaduuf otoo hin taane, biyya tokkoof yaaduuf tokko taane jedhan.
Ida'amuun dandeettii fi ejjennoon yoo jiraate, qormaanni Itoophiyaan irra aanuu hin dandeenye hin jiru jedhaniiru.
Sagantaa Ashaaraa Magariisaatiin biqiltuu biiliyoona 48 dhaabuun jalqabbii mallattoo akka ta’e eeraniiru.
Hidhi Haaromsa Itoophiyaa Guddichi pirojeektii dhaloota gidduutti dhaabbatu otoo hintaane, qormaatawwan irra aanee kan dhugoome ta’uu hubachiisaniiru.